Soyyomee Geetachootiin
Himannaa
Onkoloolessa 29, 2018, fuul-barruu Feesbuukii tokko suuraa nama dhuunfaa humnaan qabamee hidhame agarsiisu maxxanse. Suuraan kun mata-duree “Oduu Ammee” jalatti qoodame.
Murtoo
Himannaan suuraa waliin qodamee sun soba. Qorannoon MFC akka agarsiisetti, suuraan kun dhugaa miti. Qarooma Namtolchee (AI) fayyadamuun kan uumameedha.
Qorannoo fi Argannoo
Gaafa Onkoloolessa 29, 2018, fuul-barruu Feesbuukii maqaan isaa “Fam Brown” jedhamuu fi hordoftoota kuma 134 ol qabu, barreeffama Afaan Oromootiin barreeffame suuraa waliin qoodee ture. Himannan isaas: “Oduu ammee, Namittin kan dura oromoon killee fi aannan gurguruuf dirree dhufte yeroo gurguratte galti. Dirree irra humaa hin qaban. Jedhee nu arrabsee ture tohannoo seeraa jala oolee jira. Ishoo galatooma mootummaan keenya. baga gammaddan qabni. Cameraman anuma”. Barreeffamni kun si’a 446 kan qoodame yoo ta’u, deebii jalachuus kuma 7 oli argateera (suuraa armaan gadii ilaala).

Barreeffamni suuraa waliin maxxanfame himannaa hidhamaa irratti hundaa’e. Garuu, Itoophiyaa keessatti eegumsa seeraa jalatti hidhamaa suuraa kaasuun, suuraa sana toora interneetii irratti qooduun waan hinbaratamneedha. Kanaafuu, namni dhuunfaa kun to’annaa jala oolee osoo jiruu suuraa ka’uu fi suuraan sun Feesbuukii irratti qoodamuu isaa mirkaneessuuf MFCn meeshaa qorannoo dijitaalaa fayyadameera.

MFCn Decopy AI, meeshaa dijitaalaa suuraa dhugaa fi suuraa AI adda baasu fayyadamun suuricha sakatta’eera. Xiinxalli suuraa kunis %94 AI‑n uumamuu agarsiise. Kana irratti hundaa’uun, MFCn suuraan qoodame soba ta’uu isaa murteesse.

Himannaan kun haasaa Muummichi Ministeeraa Dr. Abiyyi Ahmad Dire Dawaa ilaalchisee dhiheenya kana paarlaamaa keessatti taasisan irraa madde fakkaata. Namni dhuunfaa sun viidiyoo gadhiise keessatti, Dire Dawaan kan Oromoo akka hin taane ibse. Viidiyoon kun miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan tamsa’eera.
Haal‑dubbii
Dire Dawaan bara 1993 irraa eegalee bulchiinsa federaalaa jala ture. Sababni isaa waldhabdee abbummaa Naannoo Oromiyaa fi Naannoo Somaalee gidduutti ture.
Bara 1997 booda, qophiin aangoo qooddachuu hundeeffame ture. Qoodinsi kun bakka bu’ummaa bulchiinsaa %40 Oromoof, %40 Somaaleef, %20 ammoo saboota biroof ramade.
Haa ta’u malee, falmiin abbummaa magaalattii itti fufeera. Kunis, yeroo yeroon jeequmsaa fi buqqa’iinsa fidaa ture. Onkoloolessa 18, 2018, Muummichi Ministeeraa Dr. Abiyyi Ahmad dubbii paarlaamaa irratti taasisaniin, Dire Dawaan seenaa keessatti Oromiyaa jala akka turte ibsan. Ibsi isaanii sun mormii hawaasa Somaalee kakaaseera.

Goolaba
Xiinxala bal’aan Decopy AI akka agarsiisetti, suuraan qoodame dhugaa miti. Fakkiiwwan uniformii, fuulaa fi duub‑duraa sirrii fakkaatan malee, wantoota ijoo akka rifeensa, miidhagina qaamaa fi ifaa hojii uumamaa dhabuun isaanii ragaa cimaa ta’e. Suuraan kun dhugaa fakkaachuuf yaalii godhe, garuu xiinxalli bal’inaan akka agarsiisetti, qarooma namtolchee (AI) fayyadamuun kan uumame.
Kanaaf, MFCn ragaa sirrii irratti hundaa’uun himannaan suuraa kanaa soba ta’uu murteesse. Odeeffannoon kun akka dhugaatti hinfudhatamne mirkaneessuun, hawaasni miidiyaa hawaasaa keessatti odeeffannoo sobaa irraa akka of eeguu fi dhugaa irratti hunda’uun murtii siyaasaa fi hawaasummaa fudhachuun barbaachisaa ta’uu agarsiisa.
