Search
Close this search box.

Yaadni Maxxansicha fi Duubbiin Kaariim Ahmad Khan Tokko Miti 

Soyyoomee Geetachootin

Yaada Abbaltii: Fuulli Feesbuukii tokko suuraa Kaariim Ahmad Khanin walqabsisee barreefama maxxanseen Khan, Abbaa Alangaa Mana Murtii Yakkaa Idila Addunyaa kan biyya Nezerlaanditti argamu kan tahan, “[osoo dursani] Islaama rakkoo hundaaf sababa ta’e himatee booda Israa’elitti deebi’ee isaaf wayya ture” jedha.

Murtoo: Haa ta’u malee, MFCn barreeffamni maxxansicha haala jedhame irra ala fudhatame nama dogoggorsuuf kan yaadame ta’uu isa mirkaneefate himannaan kun soba ta’uu isa murteesera.

Megersa Boshe, duraan dippilomaatii Itiyoophiyaa kan turanifi hordoftoota kuma 17 Feesbukki irrati kan qaban, suuraa Kaariim Ahmad Khaanfi barreeffama Afaan Oromootin wal-qabsisani Onkolooleessa 13, 2016 kan armaan gadi maxxansaniru: “Islaamistiin ICC [International Criminal Court = Mana Murtii Yakka Idila Addunyaa] keessatti bakka argatee Israa’eli shororkeessa ofirraa ittistu irratti xiyyeeffate #Kariim_Ahmad_Khan jedhamu isa kana. Osoo dursee Islaama rakkoo hundaaf sababa ta’e himatee booda Israa’elitti deebi’ee isaaf wayya ture” kan jedhu ture (suuraa armaan gadii ilaala).

Barreeffamni kun jalqaba fuulla Feesbuukii irratti erga maxxanfamee bodaa deebii 23 kan argate yoo ta’u, hanga barruun kun qophaa’uti yeroo 2 ol qoodameera.

MFC’n hordoffii ibsa gaazexxa Kaariim Ahmad Khaan waa’ee Isra’eelii fi Gaazaa dhiheenya kana ba’e yeroo sakkatta’utti Marsariitii Gaardiyaan Niwus jedhamu irratti viidiyoo qoodame argatera. MFCn viidiyoo miidiyaa biyya Biriteenitiin qoodame kana sakkata’ee waanti inni hubate, qabiyyeen maxxansichaa Onkolooleessa 12, 2016 mata duree armaan gadittin akka barreffamedha: “Abbaan Alangaa ICC [Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa] ajaja hidhaa Netaaniyaahuu, Gaalantifi hoggantoota Hamaas sadii irratti gaafate” (suuraa armaan gadii ilaalaa).

Waajjirri Abbaa Alangaa Kaariim Ahmad Khan namoonni shanan kun – Beeniyaamin Netaaniyaahuu, Yo’av Gaalanti, Yahya Sinwar, Mohammed De’if fi Ismaa’eel Haniyeh – yakka waraanaa fi yakka dhala namaa irratti Israa’el Gaazaa keessatti raawwatame jedhameef itti gaafatamummaa yakkaa akka qaban shakkuu isa ibseera (suuraa armaan gadii ilaala).

#Benjamin Netanyahu bara 2022 irraa eegalani haanga ammati Mummicha Ministeera Israa’el ta’uun tajaajilaa jiru. Akkasumas #Yoav Gallant nama siyaasaa Israa’el fi loltuu duraanii yoo ta’an, Jeneraal fi Ajajaa Humna Raayyaa Ittisa Israa’el Kibbaa ti (Israel Defence Force).

#Hamas, hidhattoota sochii sabboonummaa fi Islaamummaa Paalestiin kan gama Weesti Baankii fi Gaazaa keessatti mootummaa Islaamaa walaba ta’ee fi “bakka Seena-qabeettii Paalestiin” keessatti hundeessuuf kan falmudha.

Akka gabaasa Rooytersitti garee hidhattootni Paalastaayinitin Caamsaa 27 eegale Kibba Israa’el keessatti erga jeequmsa uumani namoota 1,200 ajjeesanifi namootni 253 booji’ani asitti Israa’elii fi Hamaas waraana geggeessaa jiru. Israa’el duuli waraanaa kan erga eegalme asiti lammiilee Paalestiin 33,000 ol ajjeesun deebii kenniteti. Waraanni kun waldhabdee yeroo dheeraa Israa’elii fi  Paalistiinota gidduutti waggoota kurnan torbaaf itti fufee fi Baha Giddu Galeessaa tasgabbii dhabsiise keessatti hokkara dhiiga hedduu dhangalaaseedha.

Haata’u malee barreefamni Megersa Boshe haala Khan jedhanira ala kan fudhatameefi barreefama jibbiinsaa amaanti gidduti kakaasu ta’u isaa MFCn madaale murteesera.

Megersa Boshe biyyoota Siwiizarlaand, Faransaay, fi Sa’udii Arabiyaa keessatti dippilomati Itiyoophiyaa duraanii kan turan yoo ta’u, hariiroo biyyoota Itiyoophiyaa fi biyyoota Awurooppaa shan gidduu jiru irrattis hojjetaniru. Daabalatanis itti gaafatamaa dhimma Diyaaspooraa ta’uudhanis hojjecha turan. Bara 2006 Ministeera Dhimma Alaatti osoo hin makamin dura Itti Gaafatamaa Fayyaa fi Nageenyaa, Bulchiinsa Humna Nama, fi Inspeektara Industirii ta’uun hojjetaniru. 

(Gulaalaan Alamuu Tashoomee)

We at the MFC strive to verify misleading and false claims so that people get fact-based information and make an informed decision as well. In the process of our work, accuracy and transparency hold a central role. Therefore, if you see errors in our content, please write to us at [email protected] so that our team will make corrections.

Share post on Social media

See related posts

ጎንደር ላይ ፋኖን የሚቃወም ሰልፍ እንደተደረ የሚገልጽ ጽሁፍ ከቪዲዮ መረጃ ጋር በ “X” ማህበራዊ ሚዲያ

ABOUT MFC

MultiFactCheck

(MFC) is an independent fact-checking organization which is launched to pin-point, track-down, scrutinize, investigate, interrogate, publish and distribute the factual accuracy of claims made by public figures. MFC’s project has geographical priorities. Our work mainly focuses on nations in the Horn of Africa and their diaspora community who reside abroad. We operates from various regions of Africa, Europe and North America. Through a multitude of professional proficiency, MFC deploys best practices of journalism, scholarship and expertise in order to flag, investigate and publish a fact.

Follow Us