Viidiyoon Qoodamee Misooma Koridaraa Finfineen Wal Qabate Boolla Qotamee Keessa Konkolaataan Yeroo Kufu hin Agarsisuu

Soyyoome Geetachootiin

Yaada abbaltii: Akkawuntiin TikTooki tokko viidiyoo “misooma koridaraa finfinetti” jedhu qoode.

Murtoo: Soba. Viidiyoon akkawuntii TikTookii kun qoode taatee Itiyoophiya keessa kan hin tanee fi taatee biyya Biraazilii keessatti ta’ee dha.

Hagayya 19, 2016, akkawuntiin TikTooki maqaan isa “feyselns” jedhu, hordoftoota 180 ol kan qabu yoo ta’u, viidiyoo barreffama afaan Amaariffattin akkana jechun qoode: “misooma koridaraa Finfinneeti.”

Maxxansi akkawunti TikTooki “feyselns” jedhamun qoodame kun deebii jaalachuu (Like) 1722 ol kan argatee yoo ta’uu yeroo 2,945 ol immoo qoodamera.

Haa ta’u malee viidiyoon akkawuntichi itti fayyadame himannaa jedhame kana hin deggeru.

MFCn viidiyoo kun kanaan dura maxxanfamuu isaa mirkaneessuuf ‘’Reveye reverse image search’’ fayyadamera. Meeshaan kun viidiyoo kanan dura maxxanfamee argatera. 

Viidiyoo kun barrefama sanduqa cuqulisa keessati barreffame kan qabu yoo ta’u, innis afaan Poortugaal ta’uu isa baramera (suuraa armaan gadii ilaala).

Barreffamni sanduqaa halluu cuqulisa kessaati afaan poortugaaliin barreffamee gara Afaan Oromooti yeroo hikkaamuu “konkolaataan Saantaa Roosaa gamoo tokko keessa yeroo bahuu kufe” jedha.

Viidiyoon konkolaata kufaa jiruu kun Misooma Koridara Finfinnee waliin kan wal-qabatu osoo hin tanne biyya Braazil magaaala Saantaa Roosaa keessati konkolaatan gamoo tokko keessaa bahee boolaa qotameeti yeroo kufu kan agarsisuu dha.

Hagayya  19, 2016 akkawuntiin Tiktooki biyaa Braazil tokko, kan maqaan isa “Sbtrs” jedhamuufi hordoftoota 6,194 ol qabu, viidiyoo barreefama afaan Poortugaalin barreefame qoodera. Barreefamichis konkolaataan osoo gamoo magaala Santa Rosa keessaati argamu osso bahu boola keessati kufu isaati. Sbtrs media dhunfaa braazili keessa argamuu dha.

Ragaa walitti qabame irratti hundaa’uun MFC viidiyoon maqaa akkawuntii TikTooki ‘’feyselns’’ qodamee kun Soba ta’uu isa mirkanessera.

Pirojektin Koridorii kuni bu’uuraalee daandii magaalattii babal’isuun dhaabbilee ijoo magaalaa guddoo keessatti argaman waliin walitti hidhamiinsa isaa mirkaneessuuf kan jalqabame ta’uu isa ibsameera. Pirojektin Misooma Koridoorii itti dabalatanis qaama tarkaanfiwan haaromsaa Finfinnee magaalaa jireenyaaf mijatu, bareedduufi ammayyaa taasisuuf kaayyeffate kan ka’ee dha. 

Pirojektichi daandii biskileettii, daandii bal’aa miilaan deemuf mijatu, paarkiiwwan, lafa taa’ani itti boqotan, daandii fooyya’aa fi daandii lafa jalaa naannoo murteessaa ta’etti ijaaruuf kan xiyyeefatedha.

Pirojektiin Misooma Koridoorii kun sirna bishaan boollaa yeroon isaa darbe fooyyessuu, qulqullina jireenyaa magaalaa guddittii fooyyessuu fi tajaajila faayidaa akka elektrikaa fi interneetii fooyyesisuuf kan akeeke ta’uu isa gabasalee ni agarsisuu.

We at the MFC strive to verify misleading and false claims so that people get fact-based information and make an informed decision as well. In the process of our work, accuracy and transparency hold a central role. Therefore, if you see errors in our content, please write to us at [email protected] so that our team will make corrections.

Share post on Social media

See related posts

Fuulli feesbuukii tokko barreffama ‘’Aangoo qeerroo: Diinonni keenya qabeenya biyyaa balleessaa jiru. Duguuggaa sanyii raawwachuuf
የሲቪል አቬሽን ህግ በመጣስ እና በሽብር ወንጀል የተከሰሰው ዮሐንስ ዳንኤል (ጆን ዳንኤል) ከእስር መለቀቁን የሚገልጽ

ABOUT MFC

MultiFactCheck

(MFC) is an independent fact-checking organization which is launched to pin-point, track-down, scrutinize, investigate, interrogate, publish and distribute the factual accuracy of claims made by public figures. MFC’s project has geographical priorities. Our work mainly focuses on nations in the Horn of Africa and their diaspora community who reside abroad. We operates from various regions of Africa, Europe and North America. Through a multitude of professional proficiency, MFC deploys best practices of journalism, scholarship and expertise in order to flag, investigate and publish a fact.