Viidiyoon Qoodamee kun Namoota Duguuggaa Sanyii Raawwachuuf Qopha’aa Jiran hin Agarsisuu.

Soyyoome Geetachootiin

Yaada abbaltii: Fuulli feesbuukii tokko barreffama ‘’Aangoo qeerroo: Diinonni keenya qabeenya biyyaa balleessaa jiru. Duguuggaa sanyii raawwachuuf kan qophaa’aa jirudha. Waraanni Ittisaa, Humna Addaa Oromoo, Minishaa Oromoo, Poolisiin Oromoo, Gaachana sirnaa, Koore nageenyaa, Shannee fi kan kana fakkatan gama tokkoon jiru’’ jedhuu viidiyoo wajiin qoodera.

Murtoo: Soba.Fuullii Feesbuuki kun viidiyoo qodee kanaf sagalee itti fayyadame yeroon isa kan darbee fi himana kan hin deggaree ta’uu isa fi akkasumas barreffama Afaan Amaariffan bareeffame kun viidiyoo qoodame kan hin deggaree dha (suuraa armaan gadii ilaala).

Adoolessa 22, 2016 fuullii feesbuukin maqaan isa ‘’Mulugeta Anberber’’ jedhu hordoftoota kumaa 28 ol kan qabu barreeffama afaan Amaariffa waliin viidiyoo qoodera. Himannan qodamee kun akka kana jedha: ‘’Aangoo qeerroo: Diinonni keenya qabeenya biyyaa balleessaa jiru. Duguuggaa sanyii raawwachuuf kan qophaa’aa jirudha. Waraanni Ittisa, Humna Addaa Oromoo, Minishaa Oromoo, Poolisiin Oromoo, Gaachana sirnaa, Koore nageenyaa, Shannee fi kan kana fakkatan gama tokkoon jiru. Nuuti garuu …’’ Maxxansichi deebii jaalachuu (Like) kuma torba ol kan argatee yoo ta’uu yeroo 979 ol qoodamera (suuraa armaan gadii ilaala).

Haa ta’u malee viidiyoon fuulli feesbuukii itti fayyadame himannaa jedhame kana hin deggeru.

MFCn viidiyoo kun kanaan dura maxxanfamuu isaa mirkaneessuuf ‘’Reveye reverse image search’’ fayyadamera. Meeshaan kun viidiyoo kanan dura maxxanfamee yaada guutuu wajiin kan argatee yoo ta’uu, sagalee viidiyoo sanaf itti fayyadamame sirii ta’uu isa mirkanesuuf jechoota ijoo fayyadamun vidiyoo Obbo Jawar Mohammed isa yaada kenna jiran irra argamera.

Viidiyoo namoota hedduu Alabaa Itiyoophiyaa fi Alabaa naannoo Oromiyaa qabatan jiran kun kanan Ebla 6, 2016 maqaa fuulla feesbuuki ‘’Shaggar city communication’’ jedhu irratti suuralee qoodame argamera.

‘’Gaachanni Sirnaa, Gaachana biyyati! Kutaa magaalaa Burraayyuutti Eebbi Gaachana sirnaa gaggeeffame! Shaggar lafa nagaa, misoomaa fi Guddinaa. Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Burayyuutti  Leenjii Gahumsa Qaamaa fi Tooftaalee Diina Qolachuu Leenji’aa kan ture  bakka hooggansi Magaalaa  Shaggar,Kutaa Magaalaa  Burayyuu, fi Caasan sadarkaa sadarkaan argamanitti eebbifameera’’ jedha (suuraa armaan gadii ilaala).

Fuullii feesbuuki maqaa isa ‘’Shaggar City Communication’’ kun hordooftoota kuma 68 ol kan qabu dha.

Viidiyoo qoodamee kessaa sagalee dhaga’amaa jiruu kun sagalee Obbo Jawar Mohammed yoo ta’uu, Muddee 14, 2016 Akkawuntii TikTGokin tokko maqaan isa ‘’Mk51744’’  jedhamuu irratti viidiyoo Obbo Jawar yenna yaada keena jiran kan qoodameti. Akkawuntii Tiktokin kun hordooftoota kuma 89 ol qaba (suuraa armaan gadii ilaala).

Ragaa walitti qabame irratti hundaa’uun MFC viidiyoon maqaa fuulla feesbuuki “Mulugeta Anberber‘’ qodamee kun Soba ta’uu isa mirkaneefateera.

Magaalaan Shaggar kaabaan aanaa shawaa kaabaati, kibbaan aanaa shawaa kibba lixaati, bahaan aanaa shawaa bahaati fi lixaan aanaa shawaa lixaati waliin daangeffamti.

Magaloota xixiqoo Shaggar kan ta’an kessaa: Magaalaa xiqqaa Furii, Magaalaa xiqqaa Laga xafoo, Magaalaa xiqqaa Burrayyuu, Magaalaa xiqqaa Gafarsaa Gujee, Magaalaa xiqqaa Galaan Guddaa, Magaalaa xiqqaa Galaan,Magaalaa xiqqaa Koyyee Faccee, Magaalaa xiqqaa  Kura Jidda, Magaalaa xiqqaa Malka Noonnoo, Magaalaa xiqqaa Mana Abbichuu jedhamu.

Obbo Jawar Mohamed xiinxalaa fi aktivistii siyaasaa Itoophiyaati. Hundeessitoota Oromia Media Network (OMN) keessaa tokko kan ta’an Obbo Jawaar mormii Oromoo bara 2014–2017 irratti adda dureen qindeessaa turan.

Waldhabdeen hidhannoo waraana mootummaa fi garee milishaa Faanoo gidduutti naannoo Amaaraatti itti fufee jira. 

Mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa naannoo Amaaraatti labsii yeroo muddamaa kan labse erga gareen milishaa hidhatee naannichaa hedduu to’atanii booda.

Hagayya 11, 2023, walitti bu’iinsi naannoo Amaaraatti deemaa tureen lubbuu namoota hedduu galaaffachuu gabaasaaleen fi maxxansaalee miidiyaa hawaasaa agarsiisaniruu.

Mootummaan haleela faallaa erga raawwateen booda magaalota gurguddoo hidhattoota Faanoo jalaa deebisee qabachuu danda’eera. Haa ta’u malee, naannichatti walitti bu’iinsi fi wal-dhabdeen hidhannoo itti fufe akka jiru gabaasaaleen ni mul’isu.

We at the MFC strive to verify misleading and false claims so that people get fact-based information and make an informed decision as well. In the process of our work, accuracy and transparency hold a central role. Therefore, if you see errors in our content, please write to us at [email protected] so that our team will make corrections.

Share post on Social media

See related posts

Fuulli feesbuukii tokko barreffama ‘’Aangoo qeerroo: Diinonni keenya qabeenya biyyaa balleessaa jiru. Duguuggaa sanyii raawwachuuf
የሲቪል አቬሽን ህግ በመጣስ እና በሽብር ወንጀል የተከሰሰው ዮሐንስ ዳንኤል (ጆን ዳንኤል) ከእስር መለቀቁን የሚገልጽ

ABOUT MFC

MultiFactCheck

(MFC) is an independent fact-checking organization which is launched to pin-point, track-down, scrutinize, investigate, interrogate, publish and distribute the factual accuracy of claims made by public figures. MFC’s project has geographical priorities. Our work mainly focuses on nations in the Horn of Africa and their diaspora community who reside abroad. We operates from various regions of Africa, Europe and North America. Through a multitude of professional proficiency, MFC deploys best practices of journalism, scholarship and expertise in order to flag, investigate and publish a fact.