Viidiyoon Qoodame Bahirdariti Xiyyaaraa Gubachuu hin Agarsiisu

Soyome Geetachootiin

Yaada Abbaltii: Akkaawuntii TikToki tokko viidiyoo xiyyaarri waraanaa L-100 jedhamu Bahirdar keesssati kufe kan jedhu qoode.

Murtoo: Soba. Viidiyoon kun yeroon isa kan turee fi bara 2013 waraana naannoo Tigraay keessa ture irraa kan fudhatamedha.

Akkaawuntii TikToki kan maqaa isaa “beemnethabtamu” jedhamufi kan hordoftoota kuma 62 ol qabu, viidiyoofi barreeffama afaan Amaariffattin akkana jechun qoode: “oduu hatattamaa: xiyyaarri waraanaa L-100 jedhamu bahirdaritti rukutamee jira” (suuraa armaan gadii ilaala).

Maxxansi akkaawuntii TikToki “beemnethabtamu” jedhamun kan qoodame kun deebii 13 ol argateera. 

Haa ta’u malee viidiyoon akkaawuntichi itti fayyadame himannaa jedhame kana hin deggeru.

Viidiyoon kun meeshaa gubatee kan agarsiisu yoo ta’u barreeffamnii viidiyoo kana keessatti argamuu immo akkas jedha: “oduu hatattamaa : xiyyaarri waraanaa L-100 jedhamu Bahirdaritti rukutamee jira.”

MFC meeshaalee InVid fi WeVerify jedhamaan fayyadamuun viidiyoon kun kanaan dura maxxanfamuu isaa mirkaneessera. Meeshaaleen kun viidiyoofi barreeffama kanaan duraa hirame irraa sakkata’ee deebi argateera.  Viidiyoon kun Waxabajjii 17, 2013 marsariitii oduu “Defense Redefined” jedhamuufi Waxabajji 16, 2013 fuulla Feesbukki “Eritrea Watch [EW]” jedhamu irratti maxxanfameera.

Barreeffamafi suuraa marsariitii oduu “Defence Redefined” qoode kan armaan gadii irra ilaala.

Viidiyoon kun Waxabajji 17, 2013 marsariitii oduu “Defence Redefined” irratti mata duree “Gerillas TDF C-130 Itoophiyaa – “All aboard dead” – VIDEO” jechuun bifa suuraafi bareefamaatin qoodamera. Waxabajjii 16 “Raayyaan Ittisa Tigraay (TDF)” kutaaleen ittisa qilleensaa xiyyaara geejjibaa C-130 kan humna qilleensaa Itoophiyaa (ETAF) rukutee kuffisuu isaa himate jira jechuunis ibseera. 

“Xiyyaarichi har’a ganama naannoo kibba baha Tigraay magaalaa Gijet jedhamtutti akka kufe gabaafameera. Maddeen Tigraay suuraa xiyyaara caccabaa fi gubbataa agarsiisu maxxansaniiru” (suuraa armaan gadii ilaala).

Marsaritti Oduu SignalGeneriX [Defence Redefined] nageenyaa fi hariiroo idil-addunyaa irratti hojjata. SignalGeneriX akka dhaabbilee teeknooloojii ittisa Qophros barbaachisoo ta’an keessaa tokko ta’etti dha. SignalGeneriX bara 1997 erga hundeeffamee booda akka qajeelfama dhaabbataa fi qajeelfama isaatti, kenniinsa qorannoo fi misooma adda ta’e damee Adeemsa Mallattoo Dijiitaalaa [Digital signal processing or DSP] wajjin qunnamtii qaba.

Viidiyoon wal fakkaataa Waxabajji 16, 2013 fuulla Feesbukkii “Eritrea watch [EW]” irratti  barreeffamni immo akkana jechuun qoodera: “TDF [Raayyaa Ittisa Tigraay] xiyyaara geejjibaa C130 kan dhoo’aa fi meeshaa waraanaa fe’ee ture rukutee buuse” jedha (suuraa armaan gadii ilaalaa).

“Eritrea watch [EW]” miidiyaa lammiilee fi gaazexeessitoota biyaa Ertiraa keessa jiran yoo ta’u,. Feesbuuki irrattis hordoftoota 7000 ol qaba.

Ragaa walitti qabame irratti hundaa’uun MFC viidiyoon “beemnethabtamu” akkan jechuun qoode “oduu hatattamaa: xiyyaarri waraanaa L-100 jedhamu Bahirdarittii rukkutame kufe” jechuun qoode soba ta’u isaa mirkaneefateera.

Waraanni naannoo Tigraay keessa Onkololeessa 24 bara 2013 hanga Onkololeessa 24 bara 2015 kan ture yoo ta’u, adda durummaan garee humnoota mootummaa federaalaa Itoophiyaa – kan humna waraana Ertiraa degerameefi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) gidduti ture.

Waraanni naannoo Amaaraa Bitootesa bara 2015 humnoota milishaa Faanoo fi mootummaa Itiyoophiyaa gidduutti waldhabdee ta’een gara lola hidhannooti kan jijjiramedha dha.

Waxabajjii 16, 2013 xiyyaarri humna qilleensaa Itiyoophiyaa L-100-30 (MSN 5022) naannoo Gijet, Itiyoophiyaa balaa mudateen barbadaa’un isaa gabafameera. Gabaasni hin mirkanoofne kun akka mul’isutti yeroo waldhabdee hidhannoo naannoo Tigraay tureti ji’a Sadaasa bara 2013 xiyyaarichi “Raayyaa Ittisa Tigraayin (TDF)” rukutame kufeera.

Odeeffannoo waa’ee xiyyaarota ‘’L-100 fi C-130 Hercules’’ 

Dhaabata “Lockheed L-100 Hercules” xiyyaara geejjibaa waraanaa “C-130 Hercules” baay’ee beekamaa ta’ee fi gargarsaa hawaasaf akka ooluf Lockheed Corporation jedhamu kan hojatameedha.

Xiyyaara fe’umsaa L-100 kun keessumaa biyyoota hin guddanne keessatti faayidaa guddaa akka qaban mirkanaa’eera.

Xiyyaaronni C-130 lama qofti tajaajila Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa [ETAF] keessa akka jiran gabaafamera. Xiyyaaronni lamaan kunneen Ameerikaan dandeettii bulchiinsa Ityoophiyaa guddisuuf akka dhiyeessite gabaasni ni mul’isa.

We at the MFC strive to verify misleading and false claims so that people get fact-based information and make an informed decision as well. In the process of our work, accuracy and transparency hold a central role. Therefore, if you see errors in our content, please write to us at [email protected] so that our team will make corrections.

Share post on Social media

See related posts

Fuulli feesbuukii tokko barreffama ‘’Aangoo qeerroo: Diinonni keenya qabeenya biyyaa balleessaa jiru. Duguuggaa sanyii raawwachuuf
የሲቪል አቬሽን ህግ በመጣስ እና በሽብር ወንጀል የተከሰሰው ዮሐንስ ዳንኤል (ጆን ዳንኤል) ከእስር መለቀቁን የሚገልጽ

ABOUT MFC

MultiFactCheck

(MFC) is an independent fact-checking organization which is launched to pin-point, track-down, scrutinize, investigate, interrogate, publish and distribute the factual accuracy of claims made by public figures. MFC’s project has geographical priorities. Our work mainly focuses on nations in the Horn of Africa and their diaspora community who reside abroad. We operates from various regions of Africa, Europe and North America. Through a multitude of professional proficiency, MFC deploys best practices of journalism, scholarship and expertise in order to flag, investigate and publish a fact.