Search
Close this search box.

Suuraan Yaada Abbaltii Dhiyaate Akka Tumsuuf Maxxanfame Kan Haala Tibba Kanaa Agarsiisu Miti

Alamuu Tashoomeetiin

Yaada Abbaltii: Suuraan qabiyyee yaada tatee “gaaga’ama toora diriirsa elektirikiirra dhiheenya kana naannoo Amaaraatti qaqqabe” jedhu tumsuuf dhiyaate kan tibbanaa ta’uu.

Murtoo: Qabiyyee dogongorsaa.

Naatinaa’el Mekonnin, midiyaa hawaasaa gubbaatti qabiyyewwan siyaasaa fi kanneen biroo qooduun kan beekamuu fi dhimmoota mootummaan dursa kennuuf balballoomsuun Aktivistiin beekamu kun, maxxansa fuula X (tiwiiter duraanii) irratti gaafa Bitootessa 5, 2024 maxxanseen “toorri diriirsa elektrikii Baahir Daar-Gaashanaa-Allaamaaxaa keessa fulla’u gargar cituu isaatiin tajaajilli humna ibsaa addaan citeera” jedheera.

Naatinaa’el X irrati hordoftoota 314,000 kan qabu yoo ta’u, qabiyyeen odeeffannoo kanaa namoota 17,000 oliin ilaalameera. Itti dabalees maxxansa kana namoota hedduun yeroo qoodamuu fi yaadni irratti kennamu hubatamee jira (suuraa iskriinshaatii armaan gadi ilaala).

Suuraa 1: Maxxansa dhimma waa’ee “gaaga’ama toora diriirsa elektirikiirra dhiheenya kana naannoo Amaaraatti qaqqabera” jedhame kan agarsisu.

Naatinaa’el yaada ibse kana waliinis suuraa taatee dhiheenya kana hin ibsine fayyadamuusaatiin hordoftootasaa afaan-faajjesseera (iskriinshaatii armaan gadi ilaala). 

Suuraa 2: Suuraa taatee ta’e jedhame sana ibsa jedhame kan maxxanfame

MultiFactCheck (MFC) suuraa fi qabiyyee yaada abbaltiisaa kana secca’ee erga qulqulleefateen booda, suurichi maxxansa dhimma bara lola Tigiraay irraa fudhatemee fi yaadichi dogongorsaa ta’uusaa adda baasuun mirkanneeffateera.

Akka bu’aan qorannoo agarsiisutti suuraan kun kan fudhatame maxxansa Feesbuukii Onkoloolessa 31, 2022 yeroo oduun araaraa humnoota Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (ABBUT) fi mootummaa gidduutti dhagaa’amuu jalqabe keessa, naannoo Amaaraa Godina Walloo kaabaa bakkoota akka Allaamaaxaa, Qobboo fi Raayyaatti yeroo sararrri humna ibsaa suphamutti kan kaafame ture (suuraa iskriinshaatii armaan gadi ilaala).

Suuraa 3: Iskriinshaatii  fuul-barruu YeWelloo Dimtsi jedhu, kan taatee deebifamee suphamuu toora diriirsa elektrikii magaalota akka Raayyaa fi Qobboof dhuma baatii Onkoloolessa, 2022 tti taasifamaa jiru kan agarsiisu.

Kanaafuu MFC, qabiyyeen barreeffamaa taatee tibbana ta’e ilaachisuun dhiyaate suuraa durii akka ragaa tumsa qabiyyee taatee ammaa fakkeessee dhiheessuun hordoftoota dogongorsuu waan ta’eef, qabiyyeen yaada dhiyaatee dogongorsaa ta’uusaa ni akeeka.

Lolli gaaga’ama guddaa lubbuu fi qabeenya irraan ga’ee fi waggoota lamaaf Tigiraay keessatti mootummaa fi humnoota ABBUT gidduutti geggeefamaa ture walii galtee nageenya wal waraansa dhaabuuf qodhameen Sadaasa 2,2022 goolabamus, wal waraansi biraan sochii Faannoo waliin wal qabate bara darbe, 2023, ji’a Caamsaa keessaa eegalee hubaatii guddaa lubbuu namaa, qabeenyaa fi tajaajila bu’uraa garaa garaa iraan gahaa jiraachuun beekamaadha.

We at the MFC strive to verify misleading and false claims so that people get fact-based information and make an informed decision as well. In the process of our work, accuracy and transparency hold a central role. Therefore, if you see errors in our content, please write to us at [email protected] so that our team will make corrections.

Share post on Social media

See related posts

አንድ የX አካውንት “በኢትዮጵያ የዘር ማጥፋት እየተካሄደ ነው” የሚል ትርጉም ካለው የእንግሊዘኛ ፅሁፍ ጋር በማያያዝ
አንድ ቪዲዮ በዕለቱ የነበረን “የፋኖ ኦፕሬሽን” እንደሚያሳይ ተደርጎ በX ማህበራዊ የትስስር መድረክ ተሰራጭቷል። የተጠቀሰው መረጃ

ABOUT MFC

MultiFactCheck

(MFC) is an independent fact-checking organization which is launched to pin-point, track-down, scrutinize, investigate, interrogate, publish and distribute the factual accuracy of claims made by public figures. MFC’s project has geographical priorities. Our work mainly focuses on nations in the Horn of Africa and their diaspora community who reside abroad. We operates from various regions of Africa, Europe and North America. Through a multitude of professional proficiency, MFC deploys best practices of journalism, scholarship and expertise in order to flag, investigate and publish a fact.

Follow Us