Suuraan Xiyyaarri Waraanaa Gara Goojjamiti Qajeelaa Jira Jedhu Soba

Sooyoome Geetachootiin

Yaada Abbaltii: Akkaawuntiin X tokko ‘’oddeffanoo Faanoof:…Har’a waaree booda xiyyaara waraanaa Su-27 samii Finfinnee irraa yeroo gara Goojjamitti balali’edha. Xiyyaarri kun akka shaakala godhuf ajajame. Waraanaf ta’u isaati. Faanoon of eeggannoo gochuu qaba.’’ 

Murtoo: Soba. Suuraan kun yeroon isa kan turee fi waldhabdee amma naannoo Amaaraa keessa jiruun kan wal hin qabanne dha.

Adoolessa 17, 2016 akkaawuntiin X maqaan ishe ‘’Elizabeth Altaye’’ jedhu hordoftoota kumaa 18 ol kan qabdu barreeffama afaan Amaariffa suuraa walin qoodeti. Himannan qodamee kun akka kana jedha: ‘’Oddeffanoo Faanoof:…Har’a waaree booda xiyyaara waraanaa Su-27 samii Finfinnee irra yeroo gara Goojjaamiti balali’edha. Xiyyaarri kun akka shaakala godhu ajajame. Waraanaf ta’u isaati. Faanoon of eeggannoo gochuu qaba.’’ Maxxansichi dawwatoota 1,646 kan argate yoo ta’u yeroo 25 ol qoodamera (suuraa armaan gadii ilaala).

Haa ta’u malee, MFCn suuraan kun kanaan dura maxxanfamuu isaa mirkaneessuuf ‘’Reveye reverse image search’’ fayyadamera. Meeshaan kun suuraa duraan  maxxanfamee sakata’uun  deebii argatera.

Kun erga mirkanaa’ee booda qabiyyeen ibsame AeroTime fi 9GAG dabalatee marsariitiiwwan oduu biroo irratti maxxanfamu isa addan baafateera.

Guraandhala 13, 2014 maxxansa marsariitii oduu AeroTime irratti suurraa wal fakkata kan qodamee yoo ta’uu barreffamni isaas akkana jedha:‘’Xiyyaarri waraanaa Yukireen Su-27 Rumaaniyaa keessatti kan to’atamedha. Xiyyaari Su-27 kun kan Humna Qilleensaa Yukireeniti. Xiyyaarri loltuu kun gara buufata qilleensaa RoAF 95ffaa magaalaa Bakaw kaaba baha Roomaaniyaatti geessuun achitti buute’’ (Suuraa armaan gadii ilaala).

Marsariitii AeroTime giddugala dijitaalaa fi ogummaa aviyeeshinii addunyaa kan chaanaalii hedduu qabuu fi oduu, taateewwanii fi tajaajila gorsaa addunyaa aviyeeshiniif kennuudha. AeroTime wiirtuu sochii  teessoo isaa Vilnius, Lithuania dha.

Xiyyaarri waraanaa kun marsariitiiwwan oduu hedduu irratti mul’ateera. Akkaawuntii 9GAG ‘’Mrdodobird’’ jedhamu xiyyaara waraanaa walfakkaatu maxxanseera. Barreeffamni kun akka jedhutti xiyyaara SU-27 “Blue 23” guyyoota muraasa dura kan Rumaaniyaati buute turte gara Yukireenitti deebite. Meeshaa waraanas hiikkate (akka seera idila-addunyaati), RoAF Mig-21 LanceR’n eegame gara daangaa bakka loltoota Yukireen kan biroo jiraniti gegeefamteeti. Xiyyaarri kunis nagaan bu’eera, gara lolaattis deebi’uufis qophiidha (suuraa armaan gadii ilaala).

Marsariitii 9GAG bara 2000 barataa Yunivarsiitii Hoong Koong Reey Chaan dabalatee garee lammiilee Hoong Koong waliin kan hundeeffamedha. Waltajjiin kunis toora interneetii filannoo iimeelii fayyadamtoonni salphaatti suuraa ykn viidiyoo qoosaaf irratti qooddatanidha.

Maxxansa suuraa xiyyaara waraana qaama ishe irratti koodii 23 qabu maxxansa “Elizabeth Altaye” wajjin tokko dha (suuraa armaan gadii ilaala).

.

MFCn barreeffama kana sakkata’ee suuraan kun himannaa kana akka hin deeggarre mirkaneessera. Kanaaf barreeffamni kun Soba ta’un isaa madaalameera.

Waldhabdeen hidhannoo humnoota mootummaa fi gareewwan milishaa Faanoo gidduu jiru naannoo Amaaraa keessatti akka itti fufeti jira. Mootummaan humnoonni waraanaa naanoo Amaara keessa turaan gartokkee akka hidhannoo hiikkatanii fi dhaabbilee nageenyaa biroo kan akka poolisii federaalaa, ykn humna poolisii naannootti akka makaman ajajuu hordofeeeti dubbin kan ka’e. Mootummaan federaalaa Itiyoophiyaas erga gareen kun hidhatee naannichaa hedduu to’ate booda naannoo Amaaraatti labsii yeroo muddamaa labse jira.

Hagayya  5, 2015 walitti bu’iinsi naannoo Amaaraa keessatti deemaa jiru kanan lubbuu namoota hedduu galaafamu isa gabaasaalee fi maxxansaalee miidiyaa hawaasaa ni mul’isu.

Mootummaan haleellaa Faanoo irrati erga fudhate booda magaalota gurguddoo hidhattoota kana jalaa deebifachu isaas gabaafameera. 

Ji’a Muddee keessa hogganaan raayyaa ittisa biyyaa Obbo Birhaanuu Juulaa waa’ee itti fayyadama diroonii yeroo dubbataniti namoota nagaa irratti akka hin xiyyeefane dubbachuun isaani ni yaadatama. “Dirooniin waraanaaf fi lolaaf  kan ijaaramedha. Miidiyaa irratti diroonii akka qabnu beeksisuuf osoo hin taane waliin loluuf bitanne,” jechuun Dhaabbata Biroodkaastii Itoophiyaaf [EBC] dubataniru.

We at the MFC strive to verify misleading and false claims so that people get fact-based information and make an informed decision as well. In the process of our work, accuracy and transparency hold a central role. Therefore, if you see errors in our content, please write to us at [email protected] so that our team will make corrections.

Share post on Social media

See related posts

Fuulli feesbuukii tokko barreffama ‘’Aangoo qeerroo: Diinonni keenya qabeenya biyyaa balleessaa jiru. Duguuggaa sanyii raawwachuuf
የሲቪል አቬሽን ህግ በመጣስ እና በሽብር ወንጀል የተከሰሰው ዮሐንስ ዳንኤል (ጆን ዳንኤል) ከእስር መለቀቁን የሚገልጽ

ABOUT MFC

MultiFactCheck

(MFC) is an independent fact-checking organization which is launched to pin-point, track-down, scrutinize, investigate, interrogate, publish and distribute the factual accuracy of claims made by public figures. MFC’s project has geographical priorities. Our work mainly focuses on nations in the Horn of Africa and their diaspora community who reside abroad. We operates from various regions of Africa, Europe and North America. Through a multitude of professional proficiency, MFC deploys best practices of journalism, scholarship and expertise in order to flag, investigate and publish a fact.