Search
Close this search box.

Suuraaleen Lameen Kunneen Haleellaa Godina Wallagaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaati Raawwatame Jedhame hin Agarsiisan 

Naa’ol Getachootiin

___________________________________________________________________

Yaada Abbaltii: Haleellaa Roobii Fulbaana 20, 2016, Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti raawwatamee jedhameef ragaadha kan jedhame suuraan lama Feesbuukii irratti tamsa’aniiru.

Murtoo: Suuraaleen lamaan Fulbaana 20, 2016 kaafaman haleellaa Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti raawwatameen waan wal hin qabanneef, soba ta’uu isa MultiFactCheck (MFC) mirkaneefatera.

___________________________________________________________________

Akkaawuntiiwwan Feesbuukii hedduun “haleellaa namoota qulqulluu Godina Wallagaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaatti raawwatame” balaaleffachuun gadda isaanii ibsaniiru. Fulbaana 21, 2016 barreeffama isaanii keessatti suuraa lama maxxansaniiru (akkuma suuraa iskiriinshoot irratti mul’atu). Maxxansi akkaawuntiiwwan akka Sagalee Wareegamtoota Wangeelaa, Gemechisa Hirpa, Daandii Elemoo, Jabaa Keenya, Siraaji Eliyaasi, Hamatamaan Leenca maxxansan tokkoon tokkoon isaanii yaada (comment) 20 hanga 87 giddu jiru argataniiru. Fakkeenyaaf suuraa armaan gadi ilaala.

Suuraa 1ffaa :- Suuraan kun kan Sagalee Wareegamtoota Wangeelaa hordoftoota gara 7,000 qabu yoo ta’u haleellaa “Gidda Ayyaanaa” irratti gadda isaa ibsuun dhuma maxxansa kanaa irratti suuraan kun kan Giddaa Ayyaanaa akka ta’e “yaadachiisa” jedha.

Barreeffamoonni Afaan Oromoo barreefamanii miidiyaa hawaasaa irra naanna’an, taatee kun Aanaa sanati kan raawwatame yoo ta’u, lubbuun namoota sadii hidhatoota “Faannoo” jedhamaniin kan ajjeefaman ta’uu isaani gabaasaaleen adda addaa ba’aniiru. BBC Afaan Oromo jiraattota naannoo sana wabeeffachuun akka gabaasetti haleellaan kun Roobii Fulbaana 20, 2016 akka raawwatame ibseera (liinkii kana ilaalaa). Gabaasni dhaabbilee mirga namoomaatin yeroo adda addaa maxxanfaman akka agarsiisaniti haleellaa kanaan namoonni qulqulluu hedduun du’aniiru. 

Akkuma bu’aan Google Reverse Image Search agarsiisuti suuraaleen kunneen ji’a lama dura, Adoolessa 30, 2016 miidiyaa hawaasaa adda addaa irra kan naanna’aa turan ta’u isaanii MFC mirkaneefatera (linkii kanneen fayyadamuun ilaalaa). Kanaafu suuraan lamaan akkaawuntii Feesbuukii adda addaa irra naana’aan haleellaa jedhame kana ibsuuf itti fayyadaman waan bakka hin buunef gaafa Roobii Fulbaana 20, 2016 taatee ta’e jedhameef akka ragaati dhiyeessuun dogoggora.

Dhiha Itiyoophiyaa, keessattuu Wallaggaa Lixaa fi Bahaa, keessatti waggoota hedduudhaaf walitti bu’iinsi fi nagaan dhibuun akka ture beekamaadha. Wal-dhabdeen kun tokko mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti yoo ta’u, yeroo biraa ammoo humnoota Faannoo fi WBO gidduutti. Barreeffamoonnifi maxxansitooni hedduun Feesbuukii irra naana’aan haala kana ilaalchisuun kan tamsa’aniidha.

Resom Aredom, daayreektarri fiilmii “Hitsats” (‘ሕፃፅ’) Feesbuukii irratti akka qoodanitti suuraan kunneen “ajjeechaa” miidiyaa hawaasaa irratti tamsa’e kan hin agarsiifne yoo ta’u, fiilmii “dhiitama mirga namoomaa” kan waraanni Eertiraa naannoo Tigraayiti raawwateera jedhamu irratti kan hojjetame irraa kan fudhatamaniidha jechun dubbataniiru. 

Suuraa 2ffaa :- Suuraaleen lamaan arma oliti argamaan kun karaa dogoggoraa miidiyaa hawaasaa irra naanna’aa kan turan ta’u isaani ilaalchise barreessaa fi daayreektarri fiilmichaa ta’uu kan himu Raasom Aredom kan qoodedha.

Produseeri fiilmichaa ta’uu isaa kan himu TK Adver waa’ee suuraa ji’a tokko dura naanna’aa ture ilaalchisee Fulbaana 2 kana qoodeera: ”Suuraan kun yeroo fiilmii seenaa dhugaa irratti hundaa’e hojjechaa turretti kan kaafamedha. Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa tokko tokko suuraa kana ergaa siyaasaaf itti fayyadamaa jiru.”

Suuraa 3ffaa:- Suuraan kun odeeffannoo miseensonni fiilmichaa waliif qoodan poostara fiilmii Tigrinyaa “Hitsats” jedhamuudha.

Suuraalee filmi-duubaa kan biroo yoo ilaalle, tatootifi hojjettoonni walfakkaatan kaameraa fiilmii qabatanii argina (skiriinshooti armaan gadii ilaalaa).

Lolli Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa fi humnoota Tigraay gidduutti waggoota lamaaf turee fi Waliigaltee Piriitooriyaatiin xumurame dhiiga hedduu dhangalaasuun isaa ni yaadatama. Keessattuu, waraanni Eertiraa gama Itoophiyaatiin humna Tigraay lolaa ture, namoota qulqulluu naannoo Tigraayitti dhiittaa mirga namoomaa raawwachuu isaa dhaabbileen mirga namoomaa adda addaa gabaasaa turaniiru.

Kanneen keessaa tokko duguuggaa waraanni Eertiraa magaalaa Hitsats keessatti raawwate jedhamedha. Kana daayreektarri fiilmiicha Resom Aredom gaafifi deebii keene irrati ibseera.

Kanaaf MFC suuraawwan naanna’aa jiran erga qoratee booda suuraan lamaan haleellaa Wallagaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaatti Fulbaana 20/2016 raawwatameen kan wal hin qabanne yoo ta’uu soba ta’uu isaa mirkaneefatera.

We at the MFC strive to verify misleading and false claims so that people get fact-based information and make an informed decision as well. In the process of our work, accuracy and transparency hold a central role. Therefore, if you see errors in our content, please write to us at [email protected] so that our team will make corrections.

Share post on Social media

See related posts

ጎንደር ላይ ፋኖን የሚቃወም ሰልፍ እንደተደረ የሚገልጽ ጽሁፍ ከቪዲዮ መረጃ ጋር በ “X” ማህበራዊ ሚዲያ

ABOUT MFC

MultiFactCheck

(MFC) is an independent fact-checking organization which is launched to pin-point, track-down, scrutinize, investigate, interrogate, publish and distribute the factual accuracy of claims made by public figures. MFC’s project has geographical priorities. Our work mainly focuses on nations in the Horn of Africa and their diaspora community who reside abroad. We operates from various regions of Africa, Europe and North America. Through a multitude of professional proficiency, MFC deploys best practices of journalism, scholarship and expertise in order to flag, investigate and publish a fact.

Follow Us