Soyyoomee Geetachootin
Yaada Abbaltii: Akkawuntii X tokko suuraa Obbo Leencoo Baatiitin walqabsise kana armaan gadi barreese: “Jechoonni kun jecha Ambaasaaddara ‘Itoophiyaa’ USAtti kan haaraa muudamaniiti. Biyyaa Ameerikaa (USA) keessatti inni bakka bu’aa dantaa Oromiyaa kan mudaa hin qabne ni ta’a.”
Murtoo: Suuraan gargaarame haala kan biraa irra kan fudhatameedha. Kanaafu dogoggora.
Maqaan isaa Sisay Mulu (Amoraw) jedhamufi hordoftoota kuma 18 ol akkaawuntii X (duraan Twitter) irra kan qabu, suuraa Obbo Leencoo Baatii, kan Sa’uud Arabiyaati Ambaasaaddara Itoophiyaa ta’an, barreeffama Afaan Ingiliffaatin wal qabsise Onkololeessa 17, 2016 qoodeera. Barreeffamichis: “Jechoonni kun jecha Ambaasaaddara ‘Itoophiyaa’ USAtti haaraa muudamaniiti. Inni bakka bu’aa dantaa Oromiyaa kutaa biyyaa Ameerikaa (USA) keessatti kan mudaa hin qabne ni ta’a. Jechoonni kun bara 2016 Hawaasa Oromoo Sa’udii Arabiyaa keessa jiran waliin haasa’aa tureedha” (Suuraa armaan gadii ilaala).
Barreeffamni jalqaba akkaawuntii X maqaan isaa “Sisay Mulu (Amoraw)” jedhuun qoodame kun ilaaltota 4000 ol kan argate yoo ta’u, hanga barreeffamni kun maxxanfamutti yeroo 48 ol qoodameera.
Muudama jedhame ilaalchise waanti qabatamaan yoo hin jirrele, suuraan akkaawuntichi itti fayyadamee fi yaadaa barreeffamicha wal hin simatu.
Barreeffamni guutu suuraan walin qooddame akkas jedha:
“Jechoonni kun jecha Ambaasaaddara ‘Itoophiyaa’ USAtti haaraa muudamaniiti.
Inni bakka bu’aa dantaa Oromiyaa kutaa biyyaa Ameerikaa (USA) keessatti kan mudaa hin qabne ni ta’a.
Jechoonni kun bara 2016 Hawaasa Oromoo Sa’udii Arabiyaa keessa jiran waliin kan haasa’ame tureedha.
Biyya Oromiyaa jedhamtu akka inni dhalatu gocha jirra. Yeroo daa’imni dhalatu dhiiguun hin oolu. Xiyyeeffannaan keenyas dhiiga Amaaraa dhangala’uuf osoo hin ta’iin, mucaa Oromoo dhalatuuf ykn Oromiyaa dhalatuufidha. Kun carraa isa dhumaa yoomiyyuu argachu hindandeenyedha. Yeroo bitachuuf ajandaa guyyaa guyyaan ajjeechaa guutuu Itiyoophiyaa keessatti raawwatamu cimsinee itti fufna. Dhiiga malee biyyi hundeeffamte waan hin jirreef. Biyyi guutuun fudhatamuu qofa osoo hin taane, bakkeewwan hundeeffama Oromiyaaf akka barbaachisootti ilaalaman hundi Oromiyaa guddittii keessatti hammatamu. Kana gochuuf hojii manaa keenya hojjenneerra. Pirojektiin gama Affaariin eegalame jira. Injifannoodhaan ni xumurra.”
MFCn hasawa kana Obbo Leencoon jechufi jechu dhiisu isaani ragaa qabatama hin arganne. Haa ta’u malee, MFCn meeshaa “RevEye Reverse Image Search” fayyadamee suuraa kana fakkatu kanaan dura maxxanfame argatera.
MFCn suuraa jalqabaa qoodame sana sakkata’ee, waggaa 4 dura Yuutubii Al Jazzira irratti mata duree “Itoophiyaan Abiy Ahmad jalatti duubatti deebi’aa jirti?” jedhuun maxxanfame argatera.
Maxxansi Yuutubii Al Jazziraa (Up Front) irratti Obbo Leencoo Baatii (yeroo sanatti Waajjira Gorsaa Olaanaa Muummicha Ministeeraa Itiyoophiyaa turan) gazexxesa Al Jazziraa waliin yeroo af-gaaffii godhani turan irra kan fudhatame ta’uu isa fi af-gaaffii gaggeffame irrattis akka yaada maxxansa akkawuntti X irrati barrefame kan hin tannee ta’uu isa MFCn mirkanefateera.
Dr. Abiy Ahmad bara 2010 sadaasa 24 Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa erga ta’anii booda biyyattii keessatti jijjiramni abdii namatti horu mul’ate ture. Jijjiiramni guddaan tokko hariiroon dippilomaasii fi araarri Eertiraa waliin deebi’uu yoo ta’u, kanaafis Dr. Abiy badhaasa Noobeelii Nageenyaa badhaafamaniruu. Yeroo sanatti Obbo Leencoo Baatii Waajjira Gorsaa Olaanaa Ministira Muummee Itiyoophiyaa ta’uun tajaajilaniiru.
Itti aansuunis Itoophiyaan waldhabdee hidhannoo hedduu kan argite yoo ta’u, namoonni hedduun qe’ee isaanii irraa akka buqqa’an taasiseera. Walitti bu’iinsa kana keessaa tokko mootummaa federaalaa gidduufi Waraana Bilisummaa Oromo (WBO), Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) fi milishaa Faanoo kan ilaalatudha. Walitti bu’iinsi humnoota mootummaa fi ABUT gidduu ture kan dhaabate yoo ta’u, kan WBO fi milishaa Fannoo gidduu jiru ammallee akka itti fufeeti jira.