Afaan-Oromo Archives - MultiFactCheck https://multifactcheck.org/tag/afaan-oromo/ Shed Light on the Truth. Mon, 02 Sep 2024 15:26:50 +0000 en-US hourly 1 https://wordpress.org/?v=6.7.1 https://multifactcheck.org/wp-content/uploads/2021/07/cropped-multifactcheck-1-150x150.jpeg Afaan-Oromo Archives - MultiFactCheck https://multifactcheck.org/tag/afaan-oromo/ 32 32 Suuraan Xiyyaarri Waraanaa Gara Goojjamiti Qajeelaa Jira Jedhu Soba https://multifactcheck.org/suuraan-xiyyaarri-waraanaa-gara-goojjamiti-qajeelaa-jira-jedhu-soba/ Mon, 26 Aug 2024 17:20:58 +0000 https://multifactcheck.org/?p=8412 Sooyoome Geetachootiin Yaada Abbaltii: Akkaawuntiin X tokko ‘’oddeffanoo Faanoof:…Har’a waaree booda xiyyaara waraanaa Su-27 samii Finfinnee irraa yeroo gara Goojjamitti balali’edha. Xiyyaarri kun akka shaakala godhuf ajajame. Waraanaf ta’u isaati. Faanoon of eeggannoo gochuu qaba.’’  Murtoo: Soba. Suuraan kun yeroon isa kan turee fi waldhabdee amma naannoo Amaaraa keessa jiruun kan wal hin qabanne dha. […]

The post Suuraan Xiyyaarri Waraanaa Gara Goojjamiti Qajeelaa Jira Jedhu Soba appeared first on MultiFactCheck.

]]>
Sooyoome Geetachootiin

Yaada Abbaltii: Akkaawuntiin X tokko ‘’oddeffanoo Faanoof:…Har’a waaree booda xiyyaara waraanaa Su-27 samii Finfinnee irraa yeroo gara Goojjamitti balali’edha. Xiyyaarri kun akka shaakala godhuf ajajame. Waraanaf ta’u isaati. Faanoon of eeggannoo gochuu qaba.’’ 

Murtoo: Soba. Suuraan kun yeroon isa kan turee fi waldhabdee amma naannoo Amaaraa keessa jiruun kan wal hin qabanne dha.

Adoolessa 17, 2016 akkaawuntiin X maqaan ishe ‘’Elizabeth Altaye’’ jedhu hordoftoota kumaa 18 ol kan qabdu barreeffama afaan Amaariffa suuraa walin qoodeti. Himannan qodamee kun akka kana jedha: ‘’Oddeffanoo Faanoof:…Har’a waaree booda xiyyaara waraanaa Su-27 samii Finfinnee irra yeroo gara Goojjaamiti balali’edha. Xiyyaarri kun akka shaakala godhu ajajame. Waraanaf ta’u isaati. Faanoon of eeggannoo gochuu qaba.’’ Maxxansichi dawwatoota 1,646 kan argate yoo ta’u yeroo 25 ol qoodamera (suuraa armaan gadii ilaala).

Haa ta’u malee, MFCn suuraan kun kanaan dura maxxanfamuu isaa mirkaneessuuf ‘’Reveye reverse image search’’ fayyadamera. Meeshaan kun suuraa duraan  maxxanfamee sakata’uun  deebii argatera.

Kun erga mirkanaa’ee booda qabiyyeen ibsame AeroTime fi 9GAG dabalatee marsariitiiwwan oduu biroo irratti maxxanfamu isa addan baafateera.

Guraandhala 13, 2014 maxxansa marsariitii oduu AeroTime irratti suurraa wal fakkata kan qodamee yoo ta’uu barreffamni isaas akkana jedha:‘’Xiyyaarri waraanaa Yukireen Su-27 Rumaaniyaa keessatti kan to’atamedha. Xiyyaari Su-27 kun kan Humna Qilleensaa Yukireeniti. Xiyyaarri loltuu kun gara buufata qilleensaa RoAF 95ffaa magaalaa Bakaw kaaba baha Roomaaniyaatti geessuun achitti buute’’ (Suuraa armaan gadii ilaala).

Marsariitii AeroTime giddugala dijitaalaa fi ogummaa aviyeeshinii addunyaa kan chaanaalii hedduu qabuu fi oduu, taateewwanii fi tajaajila gorsaa addunyaa aviyeeshiniif kennuudha. AeroTime wiirtuu sochii  teessoo isaa Vilnius, Lithuania dha.

Xiyyaarri waraanaa kun marsariitiiwwan oduu hedduu irratti mul’ateera. Akkaawuntii 9GAG ‘’Mrdodobird’’ jedhamu xiyyaara waraanaa walfakkaatu maxxanseera. Barreeffamni kun akka jedhutti xiyyaara SU-27 “Blue 23” guyyoota muraasa dura kan Rumaaniyaati buute turte gara Yukireenitti deebite. Meeshaa waraanas hiikkate (akka seera idila-addunyaati), RoAF Mig-21 LanceR’n eegame gara daangaa bakka loltoota Yukireen kan biroo jiraniti gegeefamteeti. Xiyyaarri kunis nagaan bu’eera, gara lolaattis deebi’uufis qophiidha (suuraa armaan gadii ilaala).

Marsariitii 9GAG bara 2000 barataa Yunivarsiitii Hoong Koong Reey Chaan dabalatee garee lammiilee Hoong Koong waliin kan hundeeffamedha. Waltajjiin kunis toora interneetii filannoo iimeelii fayyadamtoonni salphaatti suuraa ykn viidiyoo qoosaaf irratti qooddatanidha.

Maxxansa suuraa xiyyaara waraana qaama ishe irratti koodii 23 qabu maxxansa “Elizabeth Altaye” wajjin tokko dha (suuraa armaan gadii ilaala).

.

MFCn barreeffama kana sakkata’ee suuraan kun himannaa kana akka hin deeggarre mirkaneessera. Kanaaf barreeffamni kun Soba ta’un isaa madaalameera.

Waldhabdeen hidhannoo humnoota mootummaa fi gareewwan milishaa Faanoo gidduu jiru naannoo Amaaraa keessatti akka itti fufeti jira. Mootummaan humnoonni waraanaa naanoo Amaara keessa turaan gartokkee akka hidhannoo hiikkatanii fi dhaabbilee nageenyaa biroo kan akka poolisii federaalaa, ykn humna poolisii naannootti akka makaman ajajuu hordofeeeti dubbin kan ka’e. Mootummaan federaalaa Itiyoophiyaas erga gareen kun hidhatee naannichaa hedduu to’ate booda naannoo Amaaraatti labsii yeroo muddamaa labse jira.

Hagayya  5, 2015 walitti bu’iinsi naannoo Amaaraa keessatti deemaa jiru kanan lubbuu namoota hedduu galaafamu isa gabaasaalee fi maxxansaalee miidiyaa hawaasaa ni mul’isu.

Mootummaan haleellaa Faanoo irrati erga fudhate booda magaalota gurguddoo hidhattoota kana jalaa deebifachu isaas gabaafameera. 

Ji’a Muddee keessa hogganaan raayyaa ittisa biyyaa Obbo Birhaanuu Juulaa waa’ee itti fayyadama diroonii yeroo dubbataniti namoota nagaa irratti akka hin xiyyeefane dubbachuun isaani ni yaadatama. “Dirooniin waraanaaf fi lolaaf  kan ijaaramedha. Miidiyaa irratti diroonii akka qabnu beeksisuuf osoo hin taane waliin loluuf bitanne,” jechuun Dhaabbata Biroodkaastii Itoophiyaaf [EBC] dubataniru.

The post Suuraan Xiyyaarri Waraanaa Gara Goojjamiti Qajeelaa Jira Jedhu Soba appeared first on MultiFactCheck.

]]>
Viidiyoon Qoodame Bahirdariti Xiyyaaraa Gubachuu hin Agarsiisu https://multifactcheck.org/viidiyoon-qoodame-bahirdariti-xiyyaaraa-gubachuu-hin-agarsiisu/ Wed, 21 Aug 2024 16:21:00 +0000 https://multifactcheck.org/?p=8403 Akkaawuntii TikToki tokko viidiyoo xiyyaarri waraanaa L-100 jedhamu Bahirdar keesssati kufe kan jedhu qoode. Viidiyoon kun yeroon isa kan turee fi bara 2013 waraana naannoo Tigraay keessa ture irraa kan fudhatamedha.

The post Viidiyoon Qoodame Bahirdariti Xiyyaaraa Gubachuu hin Agarsiisu appeared first on MultiFactCheck.

]]>
Soyome Geetachootiin

Yaada Abbaltii: Akkaawuntii TikToki tokko viidiyoo xiyyaarri waraanaa L-100 jedhamu Bahirdar keesssati kufe kan jedhu qoode.

Murtoo: Soba. Viidiyoon kun yeroon isa kan turee fi bara 2013 waraana naannoo Tigraay keessa ture irraa kan fudhatamedha.

Akkaawuntii TikToki kan maqaa isaa “beemnethabtamu” jedhamufi kan hordoftoota kuma 62 ol qabu, viidiyoofi barreeffama afaan Amaariffattin akkana jechun qoode: “oduu hatattamaa: xiyyaarri waraanaa L-100 jedhamu bahirdaritti rukutamee jira” (suuraa armaan gadii ilaala).

Maxxansi akkaawuntii TikToki “beemnethabtamu” jedhamun kan qoodame kun deebii 13 ol argateera. 

Haa ta’u malee viidiyoon akkaawuntichi itti fayyadame himannaa jedhame kana hin deggeru.

Viidiyoon kun meeshaa gubatee kan agarsiisu yoo ta’u barreeffamnii viidiyoo kana keessatti argamuu immo akkas jedha: “oduu hatattamaa : xiyyaarri waraanaa L-100 jedhamu Bahirdaritti rukutamee jira.”

MFC meeshaalee InVid fi WeVerify jedhamaan fayyadamuun viidiyoon kun kanaan dura maxxanfamuu isaa mirkaneessera. Meeshaaleen kun viidiyoofi barreeffama kanaan duraa hirame irraa sakkata’ee deebi argateera.  Viidiyoon kun Waxabajjii 17, 2013 marsariitii oduu “Defense Redefined” jedhamuufi Waxabajji 16, 2013 fuulla Feesbukki “Eritrea Watch [EW]” jedhamu irratti maxxanfameera.

Barreeffamafi suuraa marsariitii oduu “Defence Redefined” qoode kan armaan gadii irra ilaala.

Viidiyoon kun Waxabajji 17, 2013 marsariitii oduu “Defence Redefined” irratti mata duree “Gerillas TDF C-130 Itoophiyaa – “All aboard dead” – VIDEO” jechuun bifa suuraafi bareefamaatin qoodamera. Waxabajjii 16 “Raayyaan Ittisa Tigraay (TDF)” kutaaleen ittisa qilleensaa xiyyaara geejjibaa C-130 kan humna qilleensaa Itoophiyaa (ETAF) rukutee kuffisuu isaa himate jira jechuunis ibseera. 

“Xiyyaarichi har’a ganama naannoo kibba baha Tigraay magaalaa Gijet jedhamtutti akka kufe gabaafameera. Maddeen Tigraay suuraa xiyyaara caccabaa fi gubbataa agarsiisu maxxansaniiru” (suuraa armaan gadii ilaala).

Marsaritti Oduu SignalGeneriX [Defence Redefined] nageenyaa fi hariiroo idil-addunyaa irratti hojjata. SignalGeneriX akka dhaabbilee teeknooloojii ittisa Qophros barbaachisoo ta’an keessaa tokko ta’etti dha. SignalGeneriX bara 1997 erga hundeeffamee booda akka qajeelfama dhaabbataa fi qajeelfama isaatti, kenniinsa qorannoo fi misooma adda ta’e damee Adeemsa Mallattoo Dijiitaalaa [Digital signal processing or DSP] wajjin qunnamtii qaba.

Viidiyoon wal fakkaataa Waxabajji 16, 2013 fuulla Feesbukkii “Eritrea watch [EW]” irratti  barreeffamni immo akkana jechuun qoodera: “TDF [Raayyaa Ittisa Tigraay] xiyyaara geejjibaa C130 kan dhoo’aa fi meeshaa waraanaa fe’ee ture rukutee buuse” jedha (suuraa armaan gadii ilaalaa).

“Eritrea watch [EW]” miidiyaa lammiilee fi gaazexeessitoota biyaa Ertiraa keessa jiran yoo ta’u,. Feesbuuki irrattis hordoftoota 7000 ol qaba.

Ragaa walitti qabame irratti hundaa’uun MFC viidiyoon “beemnethabtamu” akkan jechuun qoode “oduu hatattamaa: xiyyaarri waraanaa L-100 jedhamu Bahirdarittii rukkutame kufe” jechuun qoode soba ta’u isaa mirkaneefateera.

Waraanni naannoo Tigraay keessa Onkololeessa 24 bara 2013 hanga Onkololeessa 24 bara 2015 kan ture yoo ta’u, adda durummaan garee humnoota mootummaa federaalaa Itoophiyaa – kan humna waraana Ertiraa degerameefi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) gidduti ture.

Waraanni naannoo Amaaraa Bitootesa bara 2015 humnoota milishaa Faanoo fi mootummaa Itiyoophiyaa gidduutti waldhabdee ta’een gara lola hidhannooti kan jijjiramedha dha.

Waxabajjii 16, 2013 xiyyaarri humna qilleensaa Itiyoophiyaa L-100-30 (MSN 5022) naannoo Gijet, Itiyoophiyaa balaa mudateen barbadaa’un isaa gabafameera. Gabaasni hin mirkanoofne kun akka mul’isutti yeroo waldhabdee hidhannoo naannoo Tigraay tureti ji’a Sadaasa bara 2013 xiyyaarichi “Raayyaa Ittisa Tigraayin (TDF)” rukutame kufeera.

Odeeffannoo waa’ee xiyyaarota ‘’L-100 fi C-130 Hercules’’ 

Dhaabata “Lockheed L-100 Hercules” xiyyaara geejjibaa waraanaa “C-130 Hercules” baay’ee beekamaa ta’ee fi gargarsaa hawaasaf akka ooluf Lockheed Corporation jedhamu kan hojatameedha.

Xiyyaara fe’umsaa L-100 kun keessumaa biyyoota hin guddanne keessatti faayidaa guddaa akka qaban mirkanaa’eera.

Xiyyaaronni C-130 lama qofti tajaajila Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa [ETAF] keessa akka jiran gabaafamera. Xiyyaaronni lamaan kunneen Ameerikaan dandeettii bulchiinsa Ityoophiyaa guddisuuf akka dhiyeessite gabaasni ni mul’isa.

The post Viidiyoon Qoodame Bahirdariti Xiyyaaraa Gubachuu hin Agarsiisu appeared first on MultiFactCheck.

]]>
Yaadni Maxxansicha fi Duubbiin Kaariim Ahmad Khan Tokko Miti  https://multifactcheck.org/yaadni-maxxansicha-fi-duubbiin-kaariim-ahmad-khan-tokko-miti/ Mon, 10 Jun 2024 18:09:22 +0000 https://multifactcheck.org/?p=8142 Fuulli Feesbuukii tokko suuraa Kaariim Ahmad Khanin walqabsisee barreefama maxxanseen Khan, Abbaa Alangaa Mana Murtii Yakkaa Idila Addunyaa kan biyya Nezerlaanditti argamu kan tahan, “[osoo dursani] Islaama rakkoo hundaaf sababa ta'e himatee booda Israa'elitti deebi'ee isaaf wayya ture” jedha. Haa ta’u malee, MFCn barreeffamni maxxansicha haala jedhame irra ala fudhatame nama dogoggorsuuf kan yaadame ta’uu isa mirkaneefate himannaan kun soba ta'uu isa murteesera.

The post Yaadni Maxxansicha fi Duubbiin Kaariim Ahmad Khan Tokko Miti  appeared first on MultiFactCheck.

]]>
Soyyoomee Geetachootin

Yaada Abbaltii: Fuulli Feesbuukii tokko suuraa Kaariim Ahmad Khanin walqabsisee barreefama maxxanseen Khan, Abbaa Alangaa Mana Murtii Yakkaa Idila Addunyaa kan biyya Nezerlaanditti argamu kan tahan, “[osoo dursani] Islaama rakkoo hundaaf sababa ta’e himatee booda Israa’elitti deebi’ee isaaf wayya ture” jedha.

Murtoo: Haa ta’u malee, MFCn barreeffamni maxxansicha haala jedhame irra ala fudhatame nama dogoggorsuuf kan yaadame ta’uu isa mirkaneefate himannaan kun soba ta’uu isa murteesera.

Megersa Boshe, duraan dippilomaatii Itiyoophiyaa kan turanifi hordoftoota kuma 17 Feesbukki irrati kan qaban, suuraa Kaariim Ahmad Khaanfi barreeffama Afaan Oromootin wal-qabsisani Onkolooleessa 13, 2016 kan armaan gadi maxxansaniru: “Islaamistiin ICC [International Criminal Court = Mana Murtii Yakka Idila Addunyaa] keessatti bakka argatee Israa’eli shororkeessa ofirraa ittistu irratti xiyyeeffate #Kariim_Ahmad_Khan jedhamu isa kana. Osoo dursee Islaama rakkoo hundaaf sababa ta’e himatee booda Israa’elitti deebi’ee isaaf wayya ture” kan jedhu ture (suuraa armaan gadii ilaala).

Barreeffamni kun jalqaba fuulla Feesbuukii irratti erga maxxanfamee bodaa deebii 23 kan argate yoo ta’u, hanga barruun kun qophaa’uti yeroo 2 ol qoodameera.

MFC’n hordoffii ibsa gaazexxa Kaariim Ahmad Khaan waa’ee Isra’eelii fi Gaazaa dhiheenya kana ba’e yeroo sakkatta’utti Marsariitii Gaardiyaan Niwus jedhamu irratti viidiyoo qoodame argatera. MFCn viidiyoo miidiyaa biyya Biriteenitiin qoodame kana sakkata’ee waanti inni hubate, qabiyyeen maxxansichaa Onkolooleessa 12, 2016 mata duree armaan gadittin akka barreffamedha: “Abbaan Alangaa ICC [Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa] ajaja hidhaa Netaaniyaahuu, Gaalantifi hoggantoota Hamaas sadii irratti gaafate” (suuraa armaan gadii ilaalaa).

Waajjirri Abbaa Alangaa Kaariim Ahmad Khan namoonni shanan kun – Beeniyaamin Netaaniyaahuu, Yo’av Gaalanti, Yahya Sinwar, Mohammed De’if fi Ismaa’eel Haniyeh – yakka waraanaa fi yakka dhala namaa irratti Israa’el Gaazaa keessatti raawwatame jedhameef itti gaafatamummaa yakkaa akka qaban shakkuu isa ibseera (suuraa armaan gadii ilaala).

#Benjamin Netanyahu bara 2022 irraa eegalani haanga ammati Mummicha Ministeera Israa’el ta’uun tajaajilaa jiru. Akkasumas #Yoav Gallant nama siyaasaa Israa’el fi loltuu duraanii yoo ta’an, Jeneraal fi Ajajaa Humna Raayyaa Ittisa Israa’el Kibbaa ti (Israel Defence Force).

#Hamas, hidhattoota sochii sabboonummaa fi Islaamummaa Paalestiin kan gama Weesti Baankii fi Gaazaa keessatti mootummaa Islaamaa walaba ta’ee fi “bakka Seena-qabeettii Paalestiin” keessatti hundeessuuf kan falmudha.

Akka gabaasa Rooytersitti garee hidhattootni Paalastaayinitin Caamsaa 27 eegale Kibba Israa’el keessatti erga jeequmsa uumani namoota 1,200 ajjeesanifi namootni 253 booji’ani asitti Israa’elii fi Hamaas waraana geggeessaa jiru. Israa’el duuli waraanaa kan erga eegalme asiti lammiilee Paalestiin 33,000 ol ajjeesun deebii kenniteti. Waraanni kun waldhabdee yeroo dheeraa Israa’elii fi  Paalistiinota gidduutti waggoota kurnan torbaaf itti fufee fi Baha Giddu Galeessaa tasgabbii dhabsiise keessatti hokkara dhiiga hedduu dhangalaaseedha.

Haata’u malee barreefamni Megersa Boshe haala Khan jedhanira ala kan fudhatameefi barreefama jibbiinsaa amaanti gidduti kakaasu ta’u isaa MFCn madaale murteesera.

Megersa Boshe biyyoota Siwiizarlaand, Faransaay, fi Sa’udii Arabiyaa keessatti dippilomati Itiyoophiyaa duraanii kan turan yoo ta’u, hariiroo biyyoota Itiyoophiyaa fi biyyoota Awurooppaa shan gidduu jiru irrattis hojjetaniru. Daabalatanis itti gaafatamaa dhimma Diyaaspooraa ta’uudhanis hojjecha turan. Bara 2006 Ministeera Dhimma Alaatti osoo hin makamin dura Itti Gaafatamaa Fayyaa fi Nageenyaa, Bulchiinsa Humna Nama, fi Inspeektara Industirii ta’uun hojjetaniru. 

(Gulaalaan Alamuu Tashoomee)

The post Yaadni Maxxansicha fi Duubbiin Kaariim Ahmad Khan Tokko Miti  appeared first on MultiFactCheck.

]]>
Suuraa fi Ibsa Obbo Leencoo Baatiiti kan Jedhame Wal Hinsimatu https://multifactcheck.org/suuraa-fi-ibsa-obbo-leencoo-baatiiti-kan-jedhame-wal-hinsimatu/ Fri, 31 May 2024 11:55:04 +0000 https://multifactcheck.org/?p=8089 Muudama jedhame ilaalchise waanti qabatamaan yoo hin jirrele, suuraa Obbo Leencoo Baatii akkaawuntichi itti fayyadamee fi yaadaa barreeffamicha wal hin simatu.

The post Suuraa fi Ibsa Obbo Leencoo Baatiiti kan Jedhame Wal Hinsimatu appeared first on MultiFactCheck.

]]>
 Soyyoomee Geetachootin

Yaada Abbaltii: Akkawuntii X tokko suuraa Obbo Leencoo Baatiitin walqabsise kana armaan gadi barreese: “Jechoonni kun jecha Ambaasaaddara ‘Itoophiyaa’ USAtti kan haaraa muudamaniiti. Biyyaa Ameerikaa (USA) keessatti inni bakka bu’aa dantaa Oromiyaa kan mudaa hin qabne ni ta’a.”

Murtoo: Suuraan gargaarame haala kan biraa irra kan fudhatameedha. Kanaafu dogoggora.

Maqaan isaa Sisay Mulu (Amoraw) jedhamufi hordoftoota kuma 18 ol akkaawuntii X (duraan Twitter) irra kan qabu, suuraa Obbo Leencoo Baatii, kan Sa’uud Arabiyaati Ambaasaaddara Itoophiyaa ta’an, barreeffama Afaan Ingiliffaatin wal qabsise Onkololeessa 17, 2016 qoodeera. Barreeffamichis: “Jechoonni kun jecha Ambaasaaddara ‘Itoophiyaa’ USAtti haaraa muudamaniiti. Inni bakka bu’aa dantaa Oromiyaa kutaa biyyaa Ameerikaa  (USA) keessatti kan mudaa hin qabne ni ta’a. Jechoonni kun bara 2016 Hawaasa Oromoo Sa’udii Arabiyaa keessa jiran waliin haasa’aa tureedha” (Suuraa armaan gadii ilaala).

Barreeffamni jalqaba akkaawuntii X maqaan isaa “Sisay Mulu (Amoraw)” jedhuun qoodame kun ilaaltota 4000 ol kan argate yoo ta’u, hanga barreeffamni kun maxxanfamutti yeroo 48 ol qoodameera.

Muudama jedhame ilaalchise waanti qabatamaan yoo hin jirrele, suuraan akkaawuntichi itti fayyadamee fi yaadaa barreeffamicha wal hin simatu.

Barreeffamni guutu suuraan walin qooddame akkas jedha:

“Jechoonni kun jecha Ambaasaaddara ‘Itoophiyaa’ USAtti haaraa muudamaniiti.

Inni bakka bu’aa dantaa Oromiyaa kutaa biyyaa Ameerikaa (USA)  keessatti kan mudaa hin qabne ni ta’a.

Jechoonni kun bara 2016 Hawaasa Oromoo Sa’udii Arabiyaa keessa jiran waliin kan haasa’ame tureedha. 

Biyya Oromiyaa jedhamtu akka inni dhalatu gocha jirra. Yeroo daa’imni dhalatu dhiiguun hin oolu. Xiyyeeffannaan keenyas dhiiga Amaaraa dhangala’uuf osoo hin ta’iin, mucaa Oromoo dhalatuuf ykn Oromiyaa dhalatuufidha. Kun carraa isa dhumaa yoomiyyuu argachu hindandeenyedha. Yeroo bitachuuf ajandaa guyyaa guyyaan ajjeechaa guutuu Itiyoophiyaa keessatti raawwatamu cimsinee itti fufna. Dhiiga malee biyyi hundeeffamte waan hin jirreef. Biyyi guutuun fudhatamuu qofa osoo hin taane, bakkeewwan hundeeffama Oromiyaaf akka barbaachisootti ilaalaman hundi Oromiyaa guddittii keessatti hammatamu. Kana gochuuf hojii manaa keenya hojjenneerra. Pirojektiin gama Affaariin eegalame jira. Injifannoodhaan ni xumurra.”

MFCn hasawa kana Obbo Leencoon jechufi jechu dhiisu isaani ragaa qabatama hin arganne. Haa ta’u malee, MFCn meeshaa “RevEye Reverse Image Search” fayyadamee suuraa kana fakkatu kanaan dura maxxanfame argatera.

MFCn suuraa jalqabaa qoodame sana sakkata’ee, waggaa 4 dura Yuutubii Al Jazzira irratti mata duree “Itoophiyaan Abiy Ahmad jalatti duubatti deebi’aa jirti?” jedhuun maxxanfame argatera.

Maxxansi Yuutubii Al Jazziraa (Up Front)  irratti Obbo Leencoo Baatii (yeroo sanatti Waajjira Gorsaa Olaanaa Muummicha Ministeeraa Itiyoophiyaa turan) gazexxesa Al Jazziraa waliin yeroo af-gaaffii godhani turan irra kan fudhatame ta’uu isa fi af-gaaffii gaggeffame irrattis akka yaada maxxansa akkawuntti X irrati barrefame kan hin tannee ta’uu isa MFCn mirkanefateera.

Dr. Abiy Ahmad bara 2010 sadaasa 24 Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa erga ta’anii booda biyyattii keessatti jijjiramni abdii namatti horu mul’ate ture. Jijjiiramni guddaan tokko hariiroon dippilomaasii fi araarri Eertiraa waliin deebi’uu yoo ta’u, kanaafis Dr. Abiy badhaasa Noobeelii Nageenyaa badhaafamaniruu. Yeroo sanatti Obbo Leencoo Baatii Waajjira Gorsaa Olaanaa Ministira Muummee Itiyoophiyaa ta’uun tajaajilaniiru.

Itti aansuunis Itoophiyaan waldhabdee hidhannoo hedduu kan argite yoo ta’u, namoonni hedduun qe’ee isaanii irraa akka buqqa’an taasiseera. Walitti bu’iinsa kana keessaa tokko mootummaa federaalaa gidduufi Waraana Bilisummaa Oromo (WBO), Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) fi milishaa Faanoo kan ilaalatudha. Walitti bu’iinsi humnoota mootummaa fi ABUT gidduu ture kan dhaabate yoo ta’u, kan WBO fi milishaa Fannoo gidduu jiru ammallee akka itti fufeeti jira.

The post Suuraa fi Ibsa Obbo Leencoo Baatiiti kan Jedhame Wal Hinsimatu appeared first on MultiFactCheck.

]]>
Suuraan Yaada Abbaltii Dhiyaate Akka Tumsuuf Maxxanfame Kan Haala Tibba Kanaa Agarsiisu Miti https://multifactcheck.org/suuraan-yaada-abbaltii-dhiyaate-akka-tumsuuf-maxxanfame-kan-haala-tibba-kanaa-agarsiisu-miti/ Wed, 20 Mar 2024 08:37:03 +0000 https://multifactcheck.org/?p=7905 Suuraan qabiyyee yaada tatee “gaaga’ama toora diriirsa elektirikiirra dhiheenya kana naannoo Amaaraatti qaqqabe” jedhu tumsuuf dhiyaate kan tibbanaa miti.

The post Suuraan Yaada Abbaltii Dhiyaate Akka Tumsuuf Maxxanfame Kan Haala Tibba Kanaa Agarsiisu Miti appeared first on MultiFactCheck.

]]>
Alamuu Tashoomeetiin

Yaada Abbaltii: Suuraan qabiyyee yaada tatee “gaaga’ama toora diriirsa elektirikiirra dhiheenya kana naannoo Amaaraatti qaqqabe” jedhu tumsuuf dhiyaate kan tibbanaa ta’uu.

Murtoo: Qabiyyee dogongorsaa.

Naatinaa’el Mekonnin, midiyaa hawaasaa gubbaatti qabiyyewwan siyaasaa fi kanneen biroo qooduun kan beekamuu fi dhimmoota mootummaan dursa kennuuf balballoomsuun Aktivistiin beekamu kun, maxxansa fuula X (tiwiiter duraanii) irratti gaafa Bitootessa 5, 2024 maxxanseen “toorri diriirsa elektrikii Baahir Daar-Gaashanaa-Allaamaaxaa keessa fulla’u gargar cituu isaatiin tajaajilli humna ibsaa addaan citeera” jedheera.

Naatinaa’el X irrati hordoftoota 314,000 kan qabu yoo ta’u, qabiyyeen odeeffannoo kanaa namoota 17,000 oliin ilaalameera. Itti dabalees maxxansa kana namoota hedduun yeroo qoodamuu fi yaadni irratti kennamu hubatamee jira (suuraa iskriinshaatii armaan gadi ilaala).

Suuraa 1: Maxxansa dhimma waa’ee “gaaga’ama toora diriirsa elektirikiirra dhiheenya kana naannoo Amaaraatti qaqqabera” jedhame kan agarsisu.

Naatinaa’el yaada ibse kana waliinis suuraa taatee dhiheenya kana hin ibsine fayyadamuusaatiin hordoftootasaa afaan-faajjesseera (iskriinshaatii armaan gadi ilaala). 

Suuraa 2: Suuraa taatee ta’e jedhame sana ibsa jedhame kan maxxanfame

MultiFactCheck (MFC) suuraa fi qabiyyee yaada abbaltiisaa kana secca’ee erga qulqulleefateen booda, suurichi maxxansa dhimma bara lola Tigiraay irraa fudhatemee fi yaadichi dogongorsaa ta’uusaa adda baasuun mirkanneeffateera.

Akka bu’aan qorannoo agarsiisutti suuraan kun kan fudhatame maxxansa Feesbuukii Onkoloolessa 31, 2022 yeroo oduun araaraa humnoota Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (ABBUT) fi mootummaa gidduutti dhagaa’amuu jalqabe keessa, naannoo Amaaraa Godina Walloo kaabaa bakkoota akka Allaamaaxaa, Qobboo fi Raayyaatti yeroo sararrri humna ibsaa suphamutti kan kaafame ture (suuraa iskriinshaatii armaan gadi ilaala).

Suuraa 3: Iskriinshaatii  fuul-barruu YeWelloo Dimtsi jedhu, kan taatee deebifamee suphamuu toora diriirsa elektrikii magaalota akka Raayyaa fi Qobboof dhuma baatii Onkoloolessa, 2022 tti taasifamaa jiru kan agarsiisu.

Kanaafuu MFC, qabiyyeen barreeffamaa taatee tibbana ta’e ilaachisuun dhiyaate suuraa durii akka ragaa tumsa qabiyyee taatee ammaa fakkeessee dhiheessuun hordoftoota dogongorsuu waan ta’eef, qabiyyeen yaada dhiyaatee dogongorsaa ta’uusaa ni akeeka.

Lolli gaaga’ama guddaa lubbuu fi qabeenya irraan ga’ee fi waggoota lamaaf Tigiraay keessatti mootummaa fi humnoota ABBUT gidduutti geggeefamaa ture walii galtee nageenya wal waraansa dhaabuuf qodhameen Sadaasa 2,2022 goolabamus, wal waraansi biraan sochii Faannoo waliin wal qabate bara darbe, 2023, ji’a Caamsaa keessaa eegalee hubaatii guddaa lubbuu namaa, qabeenyaa fi tajaajila bu’uraa garaa garaa iraan gahaa jiraachuun beekamaadha.

The post Suuraan Yaada Abbaltii Dhiyaate Akka Tumsuuf Maxxanfame Kan Haala Tibba Kanaa Agarsiisu Miti appeared first on MultiFactCheck.

]]>
Suuraaleen Lameen Kunneen Haleellaa Godina Wallagaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaati Raawwatame Jedhame hin Agarsiisan  https://multifactcheck.org/suuraaleen-lameen-kunneen-haleellaa-godina-wallagaa-bahaa-aanaa-giddaa-ayyaanaati-raawwatame-jedhame-hin-agarsiisan/ Wed, 06 Mar 2024 15:55:57 +0000 https://multifactcheck.org/?p=7789 Suuraaleen lamaan Fulbaana 20, 2016 kaafaman haleellaa Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti raawwatameen waan wal hin qabanneef, soba ta'uu isa MultiFactCheck (MFC) mirkaneefatera.

The post Suuraaleen Lameen Kunneen Haleellaa Godina Wallagaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaati Raawwatame Jedhame hin Agarsiisan  appeared first on MultiFactCheck.

]]>
Naa’ol Getachootiin

___________________________________________________________________

Yaada Abbaltii: Haleellaa Roobii Fulbaana 20, 2016, Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti raawwatamee jedhameef ragaadha kan jedhame suuraan lama Feesbuukii irratti tamsa’aniiru.

Murtoo: Suuraaleen lamaan Fulbaana 20, 2016 kaafaman haleellaa Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti raawwatameen waan wal hin qabanneef, soba ta’uu isa MultiFactCheck (MFC) mirkaneefatera.

___________________________________________________________________

Akkaawuntiiwwan Feesbuukii hedduun “haleellaa namoota qulqulluu Godina Wallagaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaatti raawwatame” balaaleffachuun gadda isaanii ibsaniiru. Fulbaana 21, 2016 barreeffama isaanii keessatti suuraa lama maxxansaniiru (akkuma suuraa iskiriinshoot irratti mul’atu). Maxxansi akkaawuntiiwwan akka Sagalee Wareegamtoota Wangeelaa, Gemechisa Hirpa, Daandii Elemoo, Jabaa Keenya, Siraaji Eliyaasi, Hamatamaan Leenca maxxansan tokkoon tokkoon isaanii yaada (comment) 20 hanga 87 giddu jiru argataniiru. Fakkeenyaaf suuraa armaan gadi ilaala.

Suuraa 1ffaa :- Suuraan kun kan Sagalee Wareegamtoota Wangeelaa hordoftoota gara 7,000 qabu yoo ta’u haleellaa “Gidda Ayyaanaa” irratti gadda isaa ibsuun dhuma maxxansa kanaa irratti suuraan kun kan Giddaa Ayyaanaa akka ta’e “yaadachiisa” jedha.

Barreeffamoonni Afaan Oromoo barreefamanii miidiyaa hawaasaa irra naanna’an, taatee kun Aanaa sanati kan raawwatame yoo ta’u, lubbuun namoota sadii hidhatoota “Faannoo” jedhamaniin kan ajjeefaman ta’uu isaani gabaasaaleen adda addaa ba’aniiru. BBC Afaan Oromo jiraattota naannoo sana wabeeffachuun akka gabaasetti haleellaan kun Roobii Fulbaana 20, 2016 akka raawwatame ibseera (liinkii kana ilaalaa). Gabaasni dhaabbilee mirga namoomaatin yeroo adda addaa maxxanfaman akka agarsiisaniti haleellaa kanaan namoonni qulqulluu hedduun du’aniiru. 

Akkuma bu’aan Google Reverse Image Search agarsiisuti suuraaleen kunneen ji’a lama dura, Adoolessa 30, 2016 miidiyaa hawaasaa adda addaa irra kan naanna’aa turan ta’u isaanii MFC mirkaneefatera (linkii kanneen fayyadamuun ilaalaa). Kanaafu suuraan lamaan akkaawuntii Feesbuukii adda addaa irra naana’aan haleellaa jedhame kana ibsuuf itti fayyadaman waan bakka hin buunef gaafa Roobii Fulbaana 20, 2016 taatee ta’e jedhameef akka ragaati dhiyeessuun dogoggora.

Dhiha Itiyoophiyaa, keessattuu Wallaggaa Lixaa fi Bahaa, keessatti waggoota hedduudhaaf walitti bu’iinsi fi nagaan dhibuun akka ture beekamaadha. Wal-dhabdeen kun tokko mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti yoo ta’u, yeroo biraa ammoo humnoota Faannoo fi WBO gidduutti. Barreeffamoonnifi maxxansitooni hedduun Feesbuukii irra naana’aan haala kana ilaalchisuun kan tamsa’aniidha.

Resom Aredom, daayreektarri fiilmii “Hitsats” (‘ሕፃፅ’) Feesbuukii irratti akka qoodanitti suuraan kunneen “ajjeechaa” miidiyaa hawaasaa irratti tamsa’e kan hin agarsiifne yoo ta’u, fiilmii “dhiitama mirga namoomaa” kan waraanni Eertiraa naannoo Tigraayiti raawwateera jedhamu irratti kan hojjetame irraa kan fudhatamaniidha jechun dubbataniiru. 

Suuraa 2ffaa :- Suuraaleen lamaan arma oliti argamaan kun karaa dogoggoraa miidiyaa hawaasaa irra naanna’aa kan turan ta’u isaani ilaalchise barreessaa fi daayreektarri fiilmichaa ta’uu kan himu Raasom Aredom kan qoodedha.

Produseeri fiilmichaa ta’uu isaa kan himu TK Adver waa’ee suuraa ji’a tokko dura naanna’aa ture ilaalchisee Fulbaana 2 kana qoodeera: ”Suuraan kun yeroo fiilmii seenaa dhugaa irratti hundaa’e hojjechaa turretti kan kaafamedha. Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa tokko tokko suuraa kana ergaa siyaasaaf itti fayyadamaa jiru.”

Suuraa 3ffaa:- Suuraan kun odeeffannoo miseensonni fiilmichaa waliif qoodan poostara fiilmii Tigrinyaa “Hitsats” jedhamuudha.

Suuraalee filmi-duubaa kan biroo yoo ilaalle, tatootifi hojjettoonni walfakkaatan kaameraa fiilmii qabatanii argina (skiriinshooti armaan gadii ilaalaa).

Lolli Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa fi humnoota Tigraay gidduutti waggoota lamaaf turee fi Waliigaltee Piriitooriyaatiin xumurame dhiiga hedduu dhangalaasuun isaa ni yaadatama. Keessattuu, waraanni Eertiraa gama Itoophiyaatiin humna Tigraay lolaa ture, namoota qulqulluu naannoo Tigraayitti dhiittaa mirga namoomaa raawwachuu isaa dhaabbileen mirga namoomaa adda addaa gabaasaa turaniiru.

Kanneen keessaa tokko duguuggaa waraanni Eertiraa magaalaa Hitsats keessatti raawwate jedhamedha. Kana daayreektarri fiilmiicha Resom Aredom gaafifi deebii keene irrati ibseera.

Kanaaf MFC suuraawwan naanna’aa jiran erga qoratee booda suuraan lamaan haleellaa Wallagaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaatti Fulbaana 20/2016 raawwatameen kan wal hin qabanne yoo ta’uu soba ta’uu isaa mirkaneefatera.

The post Suuraaleen Lameen Kunneen Haleellaa Godina Wallagaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaati Raawwatame Jedhame hin Agarsiisan  appeared first on MultiFactCheck.

]]>